Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Seera Shororkeessummaa tumuun mirga mootummaa shororkeessaa miti.

Ijoo Dubbii

Seera Shororkeessummaa tumuun mirga mootummaa shororkeessaa miti.

                                      

Matootii Afriikaa yakka sanyii duguuggiin sadarkaa addunyaatti himatamuun mana murtii seeraa Addunyaatti akka dhihaataniif gaafatamaa jiran keessaa tokko muummicha ministeraa Itophiyaa ti.  Mallas Zeenaawii irratti himatni kun kan dhihaataa jiru tarkaanfii gara jabinaa fi suukanneessaa ummatoota irratti fudhachiisaa tureen tahuun ifaa dha.

Sadarkaa fi sababni tarkaanfii ajjeechaa itti fudhatanii addaA addummaa guddoo hin qabaatiin malee mootummootni Itophiyaa Wayyaaneen durattiis kanneen sirna isaanii hin dEeggerree fi mootummaa isaanii morman ajjeesaa akka turan ni yaadatama. Mootummaa kiyya fonqolchuuf yaaltan kan jedhuun kanneen sirnoota gara garaa keessatti yeroo adda addaa ajjeefaman hedduu turan. Barattootni jijjiirama sirnaa argamsiisuuf carraaqanii fi kabajamuu mirga sabootaa gaafatuu irraa humna waraanaa sirnoota gara garaan ajjeefaman akkanuma baay’atu.

Hundaan olitti ammoo yaada mormitoota kiyyan dhabamsiisa jedhuun tarkaanfiin “Goolii Diimaa” moggaafame bara mootummaa Dargii fudhatamaa ture isaan dura biyyattii keessatti kan mul’atee hin beekne, dhaloota tokko galaafate, hanga har’aa gaddaan yaadatamu dha. Tarkaanfiin kun dargaggoo jijjiirama hundee barbaadu irratti xiyyeeffatuu irraa biyyattii beekaa akka dhabsiisetti hubatama. Tarkaanfiin bara sanaa madaa laafaatti hin hirraanfatamnee fi hin fayyine dhiisee dabre. Ajjeechaan bara Dargii raawwatame kun kan bara Wayyaanee irraa kan adda isa taasisu yoo jiraate, tarkaanfiin alasiitti fudhatamaa ture ummata adda baasuun kan itti hin xiyyeeffanne tahuu isaa tiin qofa.

Mootummaan Mallasin durfamu gochaa gara jabinaa   guddoo sukanneessaa fi namoomaan alaa raawwatuun bittoota Itophiyaa isa dura turan hunda dursa.  Dhala namaa murtii seeraan alatti bakkayyuutti ajjeesanii gatuun bara Wayyaaneen olitti yeroon itti mul’ate hin turre. Ilma namaa ajjeesanii waraabessaa nyaachisuun kan aadeffatame bara Wayyaanee ti. Ummatoota harka qullaa hiriira nagaa bahan, meeshaa waraanaa guguddaan jumlaan fixuun tarkaanfii Wayyaaneen ummatoota irratti irra deddeebi’e fudhataa ture ragaa qabatamaan mirkaneeffamu dha.

Kan Ummatoota Oromoo, Gambeella, Sidaamaa, Ogadeenii fi kanneen biroo irratti  raawwatame akka fakkeenyaatti kaafaman.  Tarkaanfiilee kanneen hawaasni addunyaa osoo hin hafiin kanneen tarkaanfii kana fudhatanii fi fudhachiisan murtii seeraaf akka dhihaataniif gaafataa ture. Haa tahu malee Wayyaaneen iyyata ummatootaa fi hawaasa addunyaa kana dhaga’uu diduun sirna ukkaamsaa geggeessaa jiru itti fufuuf tarkaanfii fudhatuu irraa isaa of qusatuu hin mul’atne. Kanneen tarkaanfii suukanneessaa fi namoomaan alaa fudhatanii fi fudhachiisan faallaa gaaffii ummatootaa dhaabbatuun badhaasuu fi muuduudhaan isaa jajjabeessuu ti kan mul’ate.

Gartuun Wayyaanee Tigraay barattoota gaaffii mirgaa ummata isaanii akka kabajamuuf gaafatan irratti tarkaanfii sirnoota Wayyaaneen dura turan keessatti hin fudhatamiin fudhatuu dhaanis ni beekama. Sirnootni Waayaanee duraa barattoota sirnoota isaanii morman ajjeesaa fi hidhaa akka turan hin haalamu. Haa tahu malee tarkaanfii jibbinsa Sabummaa irratti hundaa’een jumulaan ajjeesuu fi mana barnootaa keessaa ari’uun keessatti hin mul’atne. Tarkaanfiin jibbiinsa sabummaa irratti hundaa’een barattoota sabummaa isaaniin yakkuun ajjeesuu fi jumulaan bana barnootaa keessaa ari’uun kan mul’ate bara bittaa abbaa irrummaa murna Wayyaanee kana keessa.

Yeroo ammaa kana mootummaan gochaa gara jabinaa fi suukanneessaa akkanaa raawwataa turee fi jiru seera shororkeessummaan baasa jechuun qoosaa jira. Murni shororkeessummaa sadarkaa mootummaatti geggeessaa jiru seera  shororkeessummaan tuma jechuun qosaa irra dabree  ummatoota biratti fudhatama hin qabaatu. Seerri mootummaa shororkeessummaa ummatoota irratti geggeessuun beekamun tumamu, akeekni isaa ifaa dha.

Murni Wayyaanee seera ofiif tumee ofiif raggaasu kanaan kanneen hin barbaadne sirna kiyyaaf hin barbaachisan jedhu irratti tarkaanfii barbaadu fudhatuu fi akka isaan sochii kamiyyuu irraa of qusataniif ittiin gargaaramuuf, kanaafis seera golgaa shororkeessummaa tumuun golgaa godhatuuf yaaduu irraa ti.

Gama biraan Wayyaaneen seera kana yeroo ammaa kana baasuuf  muddamaa jiru, ilaalchi addunyaan sirna  Wayyaaneef qabu gadi bu’aa dhufuu irra dabree sadarkaa mana murtii seeraa addunyaatti  dhihaatuu qaba jedhu dhaqqabuun murna kana yaaddessuu irraa,akkasumas, mormii ummatootaatti dabalee  ilaalchi akkanaa hawaasa addunyaa irraa mul’atuun mormii narratti jabeessa sodaa  jedhu irraa seera kana tumuu murteeffate.

Qaxbiin biraa Wayyaaneen akka seera kana baafatuuf isa muddee jiru yaaddoo filmaata as adeemaa jiru irraa qabu dha. Wayyaaneen ummata biratti jaalalaa fi kabajaa akka hin qabne waan beekuuf  kanneen isa morman akka hin filleef garanumaa sochii isaanii sodaan ugguruu fi shororkeessummaa sababa godhatuun tarkaanfii irratti fudhatuuf haala ittiin aanjeeffatuuf jecha.  Kanatti dabalees Wayyaanee irratti jibbinsi ummatootaa jabaataa dhufuu irraa tarkaanfii murni kun mormitoota irratti fudhatu gaazexessotaan saaxilamaa dhufuu irraa mirga preesii walabaa guutummaatti ittiin ukkaamsuudhaan meeshaaleen sabaa himaa kamuu kan murni kun barbaadu qofa akka dhageessisuu fi agarsiisuu gochuuf yaadamee seerri shororkeessummaa kun akka   tumamuuf murteeffate. 

Seerri maqaa shororkeessummaan tumamaa jiru kun, aangoo caasaa mootummaa murni kun akka meeshaa cunqursaatti itti fayyadamaa jiru kan aangoo badhaasu, biyyattiis kan bittaa waraanaa fi abbaa irrummaa jala guutummaatti galchu tahuun falamsiisaa miti. Akka seera kanaatti kan Wayyaaneen hin barbaadamne, akkasumas kan dabballeen Wayyaanee itti mufate hundi ragaa kijibaa Wayyaaneen dhiheessuun hidhaa tursuu fi irratti murteessuu dandeessisa. Mirga lammii biyyaa, harka Wayyaanotaa fi  jalee isaanii jala galcha. Lammiin biyyaa haayyama mana murtiin alatti shakkii qofaan akka hidhamaniif haayyama.  Lammiin walii isaa akka shakkuu fi wal sodaatu taasisa. Seerri shororkeessummaa Wayyaaneen tumamaa jiru mirgi lammii biyyaa harka poolisii, humna tikaa fi shumii gandaa jala galchuun sodaa fi dhiphuun akka jiraatu dirqa.  

Shororkeessaan murna fedhaa fi akeeka isaa fedhii ummatootaan alatti ummatoota irratti fe’u dha. Osoo Wayyaaneen ilaalchaa fi tarkaanfii shororkeessummaa  hin qabaannee   ummatoota gaaffii qaban karaa nagaa dhiheeffatan jumulaan hin fixu. Barattoota irratti tarkaanfiin jibbiinsa sabummaa irratti hundaa’e  irratti hin fudhatamu. Yaadotni lammiiwwanii fi ummatoota irraa dhihaatan hin ukkaamsaman. Kanneen dirqama gaazexessummaa irra jiruun yaada ummatootaa dhageessisan hidhaa fi baqaaf, dabrees, tarkaanfiin ajjeechaa irratti hin fudhatamu.  Shorarkeessummaa bifa kamuu kan deggeru akka hin jirre ifaa dha. Haa tahu malee shororkeessaan eenyu? isa jedhuuf deebiin jiraatuu qaba. Shororkeessaan mootummaa, murnas tahe jaarmayaa akeekaa fi fedhii isaa humnaan fudhachiisuuf tarkaanfii humnaa ummata irratti fudhatu dha. 

ABOn jaarmayaa siyaasaa akeekaa fi kaayyoo isaa ummata barsiisuun amansiisee kan ofitti dabalee of  cinaa hiriirsu malee kan humnaa fi rakkoo ummataa irratti hundaa’ee kaayyoo fi akeeka isaa humnaan fudhachiisuun of-gula  hiriirsu miti. Jaarmayaa siyaasaa jaallattus jibbitus ana qofa deggeruu qabda jechuudhaan ummata isaa doorsisuu fi kanneen hin deggerre dhabamuu qabu jechuun hawaasa keessaa  adda baasee qophxeessuun akka deggeraniif dirqisiisu miti.  ABOn  gargaarsa beela’aaf arjoomame qabatuudhaan  deggersa jaarmayaaf akka ulaagaatti itti fayyadamus miti. Kun aadaa fi tarkaanfii Wayyaanee ti.

Kanaaf murni tarkaanfii shororkeessummaa maqaa mootummaan raawwatu seera shororkeessummaa  baasuuf mirga hin qabu. Wayyaaneen sadarkaa biyyaa irra dabree hawaasa addunyaa tiin gochaa sanyii duguuggiin kan gaafatamaa jiru tahee osoo jiruu seera kana tumuuf yaaduun, tika ummatootaa fi biyyaaf yaadee osoo hin taane Wayyaanee fi sirna Wayyaanee jiraachisuuf jecha.

Ummatni mirga uumaan qabu sarbame, biyya isaa irratti alagoomfame, mootummaa alagaa jalatti humnaan bulfamu, qabeenya isaa irratti akka hin ajajneef  dhorkatame, mirga isaa karaa isaaf danda’ame hundaan kabajsiifatuuf qabsaa’uun mirga isaa ti.  Kun ammoo shororkeessummaa osoo hin taane mirga ofiif falmatuu dha. ABOn seerri shororkeessummaa Wayyaaneen tumamaa jiru sirnicha jabeessuuf yoo tahe malee dantaa biyyaa fi ummatootaaf akka hin taaneetti amana. Waan taheef ummatootni seera sodaa fi yaaddoo irraa tumamaa jiru sodaatuun  qabsoo irraa of booda hin deebi’an. Seera shororkeessummaa  shororkeessaan raggaafamu fudhatama dhaabsiisuudhaan qabsoo finiinsuun mirga ummatootaa seeraan hin ugguramne dha.


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net